Konyaa ABO Frankfurt- Caamsaa 03.05.2009
Konyan ABO Frankfurt fi Tokkummaa Bartoota Oromoo Jarmanii Damee Hessen, Oromoota naannoo waliin yaadannoo Ayyaanaa Gootota kabajanne.
Nuti: Miseensonni ABO Konyaa Frankfurt fi Tokkumman Baratoota Oromoo Jarmanii, damen Hessen guyyaa seena qabessa Gotoota Oromoo sirna ho’an Caamsaa 03 , 2009 Magaalaa Frankfurt keessatti kabajanne. Yaadannon kun akka aadaa Oromootti eebba manguddoon banamee, itti aansun Faarruu Alabaa Oromoo fi Dungoo qabsisun Jaallewwan qabsoo kanaf arsaa ta’an yaadachun eegale. D/Tn Konyaa ABO Frankfurt J/ Ali Mohamed Qasim guyyaa gootataa laalchisee seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo, fi haalaa qabatama yaroo amma qabsoon Oromoo irratti argamtuu irratti ibsaa nuuf kennanii jiru. Itti gaafataman Jarmaa Konyaa ABO Frankfurt J/ Moosisaa Asaffaa hirmaatootaa fi kanneen qophii bareedaa akkasii qopheessan galateeffatan. Nutiis guyyaa seenaa qabessaa kana sababaa gochuun waa hunda mara Jaarmaa keenya jabeeffachuu fi tikffachuu dhaloota keenya ammaa kana jabeesun fakkeenya gaarii ta’u akka qabnu hubachun murtii ejjannoo armaan gadii kana dabarfannee.
Injifannoo Ummata Oromoof!